Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 560 vaayrasii koroonaa qabaman

Finfinnee, Onkololeesa 25, 2013 (FBC) –Qorannoo Laboraatorii sa’aa 24 darbeettin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 560 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 5,364 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 560 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 97,502 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 849 dandamachuun ibsameera.

Namoonni 40,752 yaalarratti argamu.

Namoonni 346 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti argamu.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 keessatti lubbuun namoota 5 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,494 qaqqabeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment