Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 481 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 481 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 15 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 6,762f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 481 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni haaraan 754 dandamataniiru.

Namoonni 12,382 yaalarratti argamu.

Namoonni 225 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 15 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 1,897 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 121,880 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment