Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 475 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 475 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 13 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 5,276f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 475 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni haaraan 1,782 dandamataniiru.
Namoonni 16,897 yaalarratti argamu.
Namoonni 273 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 13 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 1,831 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 118,481 vaayrasichaan qabamaniiru.

Comments (0)
Add Comment