Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 467 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 467 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 2 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 5,848f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 467 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni haaraan 182 dandamataniiru.

Namoonni 13,163 yaalarratti argamu.

Namoonni 229 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun nama 2 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,008 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 129,922 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment