Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 4 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e

Finfinnee, Eebila 3, 2012 (FBC)- Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 4 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e.

Sa’aa 24 keessatti namoota 345f qorannaan laabraatoorii kan taasifame yammuu ta’u, namoonni 4 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.

Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamaniis waliigalaan 69 qaqqabeera.

Dhukkubicharaa lakkooksi namoota dandamatanii 10 gaheera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa akka ibsanitti hanga ammaatti Ityoophiyaatti waliigalaan namoota kuma 3 fi 500f qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Guyyaa har’aa namoonni vaayrasichaan qaban arfan lammiilee Ityoophiyaa ta’uu ibsaniiru.

Dhiira lamaa fi dubartoota lama yoo ta’an 3 seenaa imala biyya alaa kan qabanidha.

Kanneen keessa lammiilee Ityoohiyaa dubartii umrii 30 fi dhiira umrii 29 Dubaay irraa dhufuun bakka tursiisa addaatti hordofiin ta’aafi tureera.

Lammii Ityoophiyaa dubartiin umrii 33 ammoo seenaa imala biyya Ameerikaa kan qabdudha.

Namni biroo lammii Ityoophiyaa umrii 42t jedhaniiru.Namni kun seenaa imala biyya alaa kan hin qabnedha.tuttuqaa nama biraa qabaachuu fi dhiisuu qulqulleeffamaa jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaatti namoota vaayrasichaan qabaman keessaa 10 kan dandamatan yammuu ta’u, 3 lubbuun isaanii darbeera.

Lama ammoo gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment