Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 3 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e

Finfinnee, Eebila 12, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 3 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e.

Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti namoota 396f taasifameen namoonni dabalataa 3 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Dooktar Liyaan waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 111 qaqqabuu beeksisaniiru.

Namoonni vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’e sadanuu jiraattota Dirree Dawaati.

Tokko umriin isaa waggaa 11 yoo ta’u, seenaa imalaa kan qabu, Jibuutidhaa dhufee tursa addaa keessa kan jirudha.

Inni lammaffaan ammoo umriin isaa 18 yoo ta’u, seenaa imalaa kan hin qabnee fi nama vaayrasichaan qabameen qunnamtii kan qabudha.

Namni sadaffaan ammoo umriin isaa waggaa 15, seenaa imalaa kan qabuu fi tursa keessa kan jirudha.

Amma ammaatti waliigalaan namoota 7,953 qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Namoonni vaayrasichaan qabamanii tursa keessa jiran 90 yoo ta’an, wallaansa cimaa keessa kan jiru 1, kan dandamatan ammoo 16.

Vaayrasichi Ityoophiyaatti ega mudatee lubbuun namoota 3 kan darbe yoo ta’u, namoonni 2 ammoo gara biyya isaanii deebi’aniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment