Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 292 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 292 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 13 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 3,945f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 292 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni haaraan 653 dandamataniiru.

Namoonni 12,261 yaalarratti argamu.

Namoonni 225 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 13 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,057 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 132,326 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment