Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 250 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 8 darbeera

Finfinnee,Waxabajjii 19,2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 250 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.

Sa’aa 24 keessatti qorannaan samuudaa namoota 5414 hojjetameera.

Qorannaa amma ammaatti gaggeeffameen Ityoophiyaatti namoota 5425 irratti vaayrasichi argamuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Lubbuun namoota 8 darbeera.

Namoonni haaraan 144 ammoo dandamataniiru.

Namoota vaayrasichaan qabaman 250 keessaa 158 dhiirota yoo ta’an 92 dubartoota.

Umriin isaaniis Baatii 3 hanga waggaa 90 ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.

Namoonni 7 Finfinneerraa, namni 1 ammoo Dirree Dawwaarraa lubbuun darbaniiru.

Namoonni 240 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, namoonni 10 ammoo lammiilee biyya alaati.

Namoonni 177 Finfinneerraa, 21 naannoo Tigraayirraa, 20 naannoo Amaaraa, 18 Gaambeellarraa, 8 Oromiyaarraa, 4 naannoo Somaaleerraa, 1 Dirree Dawaarraa, 1 naannoo Beenishaanguul Guumzirraa ta’uun ibsameera.

Hanga ammaatti lakkoofsi namoota vaayraichaan qabamnii 5425 ga’eera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 1688 kan dandamatan yoo ta’u, namoonni 89 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii 237,464 hojjetameera.
Amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 3646
namoonni 27 ammoo wallaansa cimaa keessatti aragmu

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama kee

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment