Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 243 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 243 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 1 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 4,155f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 243 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni haaraan 893 dandamataniiru.

Namoonni 10,734 yaalarratti argamu.

Namoonni 233 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 1 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 1,913 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 123,388 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment