Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,994 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee,Bitootessa 10 ,2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1994 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 16 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 8,244 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,994 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 338 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 35,556 irratti argama.

Namoonni 624 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 16 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,618 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 83 fi 863 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment