Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,778 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee,Bitootessa 11 ,2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,778 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 29 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 8,227 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,778 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 586 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 36,719 irratti argama.

Namoonni 576 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 29 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,647 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 85 fi 641 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment