Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,724 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee,Bitootessa 12 ,2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,724 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 12 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 6,562 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,724 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 1,179 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 37,252 irratti argama.

Namoonni 605 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 12 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,659 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 87 fi 365 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment