Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,460 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 16 darbe

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,460 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 16 darbuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 kaleessa darbeen namoonni dabalataa1,460 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 16 darbuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbetti samuudaan namoota 19,747 hojjetameen namoonni 1,460 vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni haaraan 165 yoo dandamatan, waliigala namoonni 12,524 dandamataniiru.

Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 31,336 qaqqabeera.

Waliigala Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 544 ga’eera.

Namoonni 213 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa namoonni 16,687 yaalarratti aragmu.

Hanga ammaatti namoota 629,210 qorannoon laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment