Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,303 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 1,303 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 23,712 hojjetameen, namoota 1,303 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 24 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota 880 darbeera.

Haaraan kan dandamata 329 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 20,612.

Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 56,516 qaqqabeera.

Namoonni 315 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Yeroo amma vaayrasichi namoota 23,022 irratti argama.

Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 994,303 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment