Ityoophiyaatti Namoonni Dabalataa 1,206 Vaayrasii Koroonaatin Qabamuun Isaanii Mirkanaa’e

Finfinnee, Qaammee 2, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 1,206 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Sa’aa 24 kaleessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 25,158 hojjetameen, namoota 1,206 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 21 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota  918 darbeera.

Haaraan kan dandamata 531 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 21,307.

Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 58,672 qaqqabeera.

Namoonni 308  hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Yeroo amma vaayrasichi namoota 36,445 irratti argama.

Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 1,044,005 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment