Ityoophiyaatti namni vaayrasii koroonaan qabame tokko dabalataan argame

Finfinnee, Eebila 1, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti saa’aatii 24 darbe keessatti namoota 294 qorannoon laaboraatoorii taasifameef keessaa nama tokkorratti vaayrasichi argamuu ibsameera.

Namni umriin isaa waggaa 43 ta’e Kaanaadarraa karaa Dubaayin Ityoophiyaa dhufee iddoo tursiisaa keessa ture dhibee kanaan qabamuu isaa mirkaana’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Waliigala Ityoophiyaatti namoonni dhibichaan qabaman 56 ga’aniiru.

Ityoophiyaatti hanga ammaatti namoota kuma 2 fi 790 qorannoon laaboraatoorii taasifamuu isaa ibsameera.

Namoota dhibichaan qabaman keessaa namoonni 4 dhibichaarraa dandamachuu isaanii himameera.

Comments (0)
Add Comment