Ityoophiyaatti nageenyi waaraan bu’ee hanga ummanni nagaan ba’ee galuu danda’utti wareegama kamuu kaffaluuf qophiidha – Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti nageenyi waaraan bu’ee hanga ummanni nagaan ba’ee galuu danda’utti wareegama kamuu kaffaluuf qophiidha jedhan Ajejaa olaanaan Humna Qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Kutaan magaalaa Boolee humna Qilleensaa Ityoophiyaaf deeggarsa garaagaraa taasiiseera.

Hojii Raawwachiiftuu olaantuun kutaa magaalichaa Aadde Alemtsahaay Shifarraaw deeggersicha Ajejaa olaanaa Humna Qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaaf laataniiru.

Erga duulli birmadummaa eegalee jiraattoonni kutaa magaalaa Boolee waamicha biyyaa fudhachuun deeggarsa hedduu taasiisuun aantummaa raayyaa ittisaaf qaban agarsiisaa turuu Aadde Alemtsahaay ibsaniiru.

Ajejaa olaanaan Humna Qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaan gama isaaniin Ityoophiyaatti nageenyi waaraan bu’ee hanga uummanni nagaan ba’ee galuu danda’utti wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment