Ityoophiyaatti nageenya mirkaneessuuf tattaaffiin eegalame cimee itti fufuu qaba-Antooniyoo Guutareez

Finfinnee, Sadaasa 22, 2015(FBC)- Ityoophiyaatti dursummaa Gamtaa Afrikaan nageenya mirkaneessuuf tattaaffiin eegalame cimee itti fufuu akka qabu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez dubbatan.

Antooniyoo Guutareez fi Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii waloon ibsa kennaniiru.

Haaluma kanaan, hojiirra oolmaan waliigaltee nageenyaa cimee itti fufuu akka qabuu fi deeggarsi namoomaa lammiilee barbaachisuuf dhiyaachuu akka qabullee himaniiru.

Hojiirra oolmaa waliigalteechaaf qaamoleen dhimmichi ilaallatu gama lameeniin eegalamuun marichi abdii qabeessa ta’uu Antooniyoo Guutareez ibsaniiru.

Yaaliin mootummaa jijjiiruuf seeraan alaa taasifamu fudhatama kan hinqabne ta’uu kaasaniiru.

Ibsa isaaniin Afrikaan dandeettii misoomuu qabdutti fayyadamuun misoomuu akka qabdu eerameera.

Layikun Alamuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment