Ityoophiyaatti nagaa buusuuf  waliigaltee nageenyaa taasifame Ameerikaan ni tumsiti- Antoonii Bilinkan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015(FBC)- Ityoophiyaatti nagaa buusuuf  waliigaltee nageenyaa mariisisummaa Gamtaa Afrikaan taasifame Ameerikaan kan tumsitu ta’uu   Ministirri Ministeera Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan ibsan.

Mariin nageenyaa mootummaa FDRI fi ABUT gidduutti Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti gaggeeffamaa ture milkaa’inaan xumuramuu dinqisiifataniiru.

Afrikaan Kibbaa Gamtaa Afrikaa waliin qindoomuun waltajjicha qopheessuusheef galateeffataniiru.

Deeggarsa namoomaafi hojii deebisanii dhaabuu ilaalchisees Ameerikaan Gamtaa Afrikaa cinaa ta’uun deeggarsa ishee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment