Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii 108 qaqqabe

Finfinnee, Eebila 11, 2012 (FBC)- Sa’aa 24 keessatti qorannaa laabraatoorii namoota 667f taasifameen, namoonni 3 vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsa laataniin akka beeksisanitti, namootni vaayrasichaan qaban sadan lammiilee Ityoophiyaati.

Kan jalqabaa dubartii umrii 62 Ameerikaadha dhufuun bakka tursiisa addaa keessa kan turtedha.

Namni lammaffa dubartii umrii 52 yoo ta’an seenaa imala biyya alaa qabaachuu fi dhabuu qoratamaa jira.

Namni sadaffaan dargaggeessa umrii 19 Sawud Arabiyaadha dhufuun bakka tursiisa addaa keessa kan turedha.

Amma ammaatti namoonni 16 vaayrasicharraa kan dandamataan yoo ta’u, tokko ammoo wallaansa hordoffii cimaa keessa jira jedhan Dooktar Liyaan.

Ityoophiyaatti waliigalaan lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii 108 qaqqabe.

Akka biyyaattis namoota vaayrasichaan qabaman 87f hordoffiin fayyaa taasifamaa jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment