Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii 105 qaqqabe

Finfinnee, Eebila 10, 2012 (FBC)- Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii 105 qaqqabe.
 
Sa’aa 24 keessatti qorannaa laabraatoorii namoota 659f taasifameen, namoonni 9 vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsa laataniin akka beeksisanitti, namoota salgan vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni 8 lammiilee Ityoophiyaa, tokko ammoo lammummaa Ikwaatooriyaal Giinii kan qabu jedhaniiru.
 
Namoonni 6 seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo ta’u, 3 ammoo namoota vaayrasichaan qabaman waliin tuttuqii kan qabanidha jedhan Dooktar Liyaan.
 
Arfan isaanii jiraattota magaalaa Finfinnee, 3 Jibuutidhaa dhufanii Dirree Dawaatti tursa keessa kan turanii fi tokko ammoo jiraataa magaalaa Jimmaati.
 
Amma ammaatti namni tokko kan dandamate yoo ta’u, tokko ammoo wallaansa hordoffii cimaa seenera jedhan Dooktar Liyaan.
 
Ityoophiyaatti waliigalaan lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii 105 qaqqabe.
 
Akka biyyaattis namoota vaayrasichaan qabaman 84f hordoffiin fayyaa taasifamaa jira.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment