Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabaman kuma 40 darbeera

Finfinnee, Hagayya 18, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabaman kuma 40 darbeera.

Gabaasa qorannaa vaayrasii koroonaa sa’aa 24 kaleessa ifoomen namoota 20,153 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Kana keessaa namoota 1638 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoota 40,671 irratti vaayrasiin koroonaa argameera.

Namoonni 515 kan dandamatan yoo ta’u, waliigalaan hanga ammaatti namoonni 14,995 dandamataniiru.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 16 vaayrasichaan darbeera.

Waliigalaan namoonni lubbuu isaanii kan dhaban ammoo 678 qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoonni 291 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment