Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii kuma 60 caale

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 1136 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Sa’aa 24 kaleessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 14,815 hojjetameen, namoota 1136 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii16 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota 949 darbeera.
 
Haaraan kan dandamata 888 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 27,677.
 
Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 60,784 qaqqabeera.
 
Namoonni 307 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo amma vaayrasichi namoota 37,156 irratti argama.
 
Waliigalaan qorannaan laabraatoorii miiliyoona 1fi kuma 78 fi 269 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment