Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii kuma 55 caale

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 804 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 20,778 hojjetameen, namoota 804 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 10 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota 856 darbeera.
 
Haaraan kan dandamata 380 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 20,283.
 
Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 55,213 qaqqabeera.
 
Namoonni 306 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.
 
Hanga ammaattii namoota 970,591f qorannaan laabraatoorii gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment