Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii kuma 15 fi 200 ga’e

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Guyyaa kaleessaa qorannoo laabraatoorii namoota kuma 6 fi 503 hojjetameen vaayrasichi namoota 653 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Lubbuun namoota 11 ammoo darbeera.
Qorannaa amma ammaatti gaggeeffameen Ityoophiyaatti namoota 15,200 irratti vaayrasichi argamuu Ministeera Fayyaa beeksiseera.
Namoonni haaraan 170 ammoo dandamataniiru.
Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 6,526 kan dandamatan yoo ta’u, namoonni 239 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii 395,851 hojjetameera.
Amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 8,433 yoo ta’u,
namoonni 66 ammoo wallaansa cimaa keessatti aragmu.
 
Addunyaarratti hanga sa’aa kanaatti namoota miiliyoona 16 fi kuma dhibba 8 fi kumni 99 fi 588 vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 6 fi kuma 63 fi 540 darbeera.
 
Namoonni miiliyoonni 10 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 62 fi 813 ammoo dandamataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment