Ityoophiyaatti laabiraatooriin Fooreensikii DNA jalqabaa eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Ityoophiyaatti laabiraatooriin Fooreensikii DNA jalqabaa eebbifameera.

Laabiraatorichi baasii Doolaara miiliyoona 1 Hospitaala Poolisii Ityoophiyaa keessatti kan ijaarame yoo ta’u, sadarkaa gara hojiitti galuurra ga’uusaan guyyaa har’aa ifatti eebbifameera.

Ajajaa Olaanaan Komishinii Poolisii Federaalaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel sirna eebba laabiraatoorichaarratti haasawaa taasisaniin, laabiraatoorichi dandeettii qorannoo Poolisii Ityoophiyaa sadarkaa fooyya’aarra geessisuu kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.

Hojii qorannoof ogeeyyiin ga’umsa qaban guutamuu eeruun, sirna haqaarratti raga qabatamaa fi amanamaa dhiyeessuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Kanaan dura dhimmoonni yakkaa fi yakkaan walqabatan ashaaraa qofaan qoratamaa turuu yaadachiisuun, kunis ashaaraawwan bakka yakki raawwatametti fayyadamuurratti xiyyeeffachuu himaniiru.

Laabiraatoorichi kuusaa raga uumuun poolisoota idil addunyaa waliin ragaalee wal jijjiiruun dandeettii yakkoota daangaa ce’an ittisuu guddisuu kan danda’u ta’uu ibsameera.

Tsaggaayee Wandiwasantu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment