Ityoophiyaatti kutaalee hawaasaa waraanaan miidhamaniif deeggarsi namoomaa dhiyaatu cimee itti fufa-DhMG

Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC)- Ityoophiyaatti kutaalee hawaasaa waraanaan miidhamaniif deeggarsi namoomaa dhiyaatu cimee kan itti fufu ta’uu Gaanfa Afrikaatti Ergamtuun Addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Hanaa Teet ibsan.

Ityoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf tattaffii mootummaan taasisu deeggaruuf hojiileen hojjetaman cimanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

Hanaa Teet akka jedhanitti Gaanfi Afrikaa naannawaa carraa fi abdii guddaa qabuudha.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniis, naannawichaatti tasgabbii buusuuf, misoomaa waaraa mirkaneessuu fi ka’umsa rakkoolee nageenyaa ittisuu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Xiyyeeffannaan dhaabbatichaas hojiilee misoomaa biyyootaa naannawichaa fi galmoota diinagdee irratti akka xiyyeefatan tumsuurratti ta’uu dubbataniiru.

Deeggarsi namoomaanis kutaalee hawaasaa waraanaan miidhamaniif dhiyaachaa jiraachuu eeruun, kunis cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Fuuldurattis, mootummoonni hojiilee misoomaa dursi kennamuuf tumsuuf deeggarsa maallaqaa fi meeshalee walitti qabuun akka hojjetamu himaniiru.

Kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti, akkasumas sadarkaa biyyaalessaatti nageenyi Ityoophiyaa akka cimuu fi guddina diinagdee cimsuuf akka hojjetamus akeekaniiru.

Hariiroo diinagdee biyyaa keessaa fi alaa cimsuufis hojileen Ityoophiyaan hojjechaa jirtu jajjabeessaa fi itti fufuu kan qabuudha jechuu isaanii TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment