Ityoophiyaatti Kiitiin qorannoo vaayrasii koroonaa oomishamuu eegaluuf

Finfinnee, Qaammee 1,2012 (FBC) – Ityoophiyaatti Kiitiin qorannoo vaayrasii koroonaa baatii 1 booda oomishamuu kan eegalamu ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Dandeettii qorannoo vaayrasii koroonaa guddisuuf hojii hedduun hojjetamaa jiraachuu Ministir deettan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa dubbataniiru.
 
Dooktar Darajjeen, mootummaa Chaayinaa waliin ta’uun baatii 1 booda Kiitii qorannaa vaayrasii koroonaa oomishuu eegaluuf qophiin xumuramuu eeraniiru.
 
Dhimma kanarratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad mootummaa Chaayinaa waliin marii taasisaa jiraachuu himaniiru.
 
Kiitiin kun biyya keessatti oomishamuu eeggallaan Kiitiiwwan alaa galan guutumaan guutuutti ni hafu jedhan Dooktar Darajjeen.
 
Oomishichi biyyoota Afrikaa biroof ni qaqqaba jedhan.
 
Yeroo ammaa galteewwan ittisa Infeekshinii Ityoophiyaatti oomishamuu eegaluu kan ibsan Dooktar Darajjeen, meeshaalee ittisa koroonaa vaayrasii biyya alaatti erguun eegalameera jedhan.
 
Ityoophiyaatti giddugalli qorannoo vaayrasii koroonaa 52 kan argaman yoo ta’u, guyyatti samuudaa kuma 20 ol qorachaa jiru jedhan.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment