Ityoophiyaatti karaan aangootti dhufuun danda’amu filannoo qofaani – Dooktar Abiy

Finfinnee, Eebila 14, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti karaan aangootti dhufuun danda’amu filannoo diimookiraatawaa fi nagaa qabeessa ta’e gaggeessuu qofaan ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dubbatan.
Dooktar Abiy haala adeemsa galmee filattootaa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa ilaalchisee Preezdaantoota naannolee, Kaantibaawwan bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa waliin mari’ataniiru.
Ityoophiyaatti malli gara aangootti dhufuun danda’amu karaa nagaan qofa ta’uu ibsaniiru.
Galmeen filattootaa torbee jalqabaa haala barbaaddameen raawwatamuu baatus yeroo ammaa haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.
Haala ammaa jiruun naannoo Sidaamaatti % 80, Amaaraatti % 51, Oromiyaatti % 85, Beenishaanguul Guumuuzitti % 70, Harariitti % 55, Kibbatti % 53, magaalaa Finfinneetti % 88, Dirree Dawaatti % 84, Soomaaleetti % 43 filattoonni galmaa’uu ibsameera.
Naannoo Afaariitti ammoo filattoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 53 kaardii filannoo fudhachuu himameera.
Akkaataa gabatee yeroo galmee filattootaan yeroon galmee xummuramuuf guyyaan tokko qofti hafuu dubbataniiru.
Hawaasa hunda waliin ga’uuf yeroon galmee dheerachuun isaa kan ooluu miti jedhan.
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment