Ityoophiyaatti Kaawunsiliin Proofeesarootaa hundaa’e

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti Kaawunsiliin Proofeesaroota guutuu  hundaa’e.

Hundeeffamni Kaawunsilichaa hayyoota Ministeera Dhaabbilee barnootaa olaanoo waliin qindeessuun galma damee barnoota olaanoo milkeessuun misooma biyyaaf gumaacha akka taasiisuuf kan kaayyeefame ta’uu ibsameera.

Hayyoonni badhaadhina biyyaaf ga’ee isaanii akka gumaachaan Kaawunsilichi karaa bilisa ta’een ni gurmeessa jedhame.

Kaawunsiliin kun toora xiyyeeffannoo 7 irratti hojjeta jedhame.

Ministirri Ministeera Dhaabbilee Barnootaa olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaattoon Kaawunsilichi hayyoonni Ityoophiyaa ogummaa qabaniin misooma biyyaa isaaniif gumaacha akka taasiisan gargaara jedhan.

Hayyoonni kunneen toora xiyyeeffaannoo fooyya’iinsi qabeenya diinagdee biyya keessaa irratti xiyyeeffate kanneen akka Albuudaa, Qonna, Turizimii fi dameewwan birroorratti deeggarsa ogummaa taasisuutu irraa eeggama jedhame.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Comments (0)
Add Comment