Ityoophiyaatti imbaasiin Kooriyaa Kaabaa Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC)- Ityoophiyaatti imbaasiin Kooriyaa Kaabaa Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin walta’iinsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibseera.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kaabaa Toong Siim guyyaa har’aa Faanaa Broodkaastiing Korporeet daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniin dandeettii Faanaa Broodkaastiing Korporeet gama qabiyyee fi teeknooloojiin ijaare ilaalaniiru.

Turtii waggoota lamaa biyyattii keessatti taasisaaniin Faanaa Broodkaastiing Korporeet gosoota tamsaasaa qabuun biyyattiitti miidiyaa dursaa akka ta’e taajjabuu eeraniiru.

Hariiroo gamlamee biyyootaa cimsuu keessatti ga’een miidiyaa olaanaa ta’uu kaasuun, kanaafis imbaasiin isaanii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin walta’iinsaan hojjechuuf filachuu beeksisaniiru.

Hojii raawwachiisaan Faanaa Broodkaastiing Korporeet obbo Admaasuu Daamxoon gamasaaniin, Faanaan akka dhaabbataatti imbaasii Kooriyaa Kaabaa waliin dameewwan waliin hojjechuu danda’u hundarratti walta’iinsaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa waljijjiirraan teeknooloojii fi hariiroo uummataa cimsuun xiyyeeffannoo walta’iinsichaa ta’uu eeraniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment