Ityoophiyaatti hoji maanni iftoominaa fi walabummaa diimokiraasii hojiidhaan mirkaneessuun itti fufeera

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2014 (FBC)- Ityoophiyaatti hojiimaata iftoominaa fi walabummaa diimokiraasii hojiidhaan mirkaneessuun itti fufeera jechuun Waajjira Muummee Ministeeraatti qindeessaan giddugala ijaarsa sirna diimokiraasii Dooktar Biqilaa Hurriisaa ibsaniiru.

Dooktar Biqilaan turti Tajaajila Oduu Ityoophiyaa waliin taasisaniin, mootummaan hojii ijaarsa sirna diimokiraasiitin hojjechaa jira jedhaniiru.

Komishinii walaabaa hundeessuun, boordii filannoo cimaa gurmeessuu fi sirna haqaa foyyeessuu keessaatti hojiiwwan adda addaa hojjetamuu kaasaniiru.

Gama komishinii mirga namoomaatin dhaabbata bilisaa fi walabaa uumuun gabaasota amanuuf rakkisaa ta’aan baasaa jiraachuu himaniiru.

Gabaasa komishiniirratti mootummaan ilaalcha mata isaa qabatus kabaja mirga namoomaa lammiileefis hojiiwwan abdii namatti horaan muuldhachuu ibsuun cimee akka itti fufuu deeggarsi barbaachisaan ni taasifama jedhan Dooktar Biqilaan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment