Ityoophiyaatti haleellaawwan saayibarii aggaamaman fashalessuun Kisaaraa Birrii biiliyoona 1.4 baraaruun danda’amuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) –  Ityoophiyaatti baatiwwan 11 darbanitti haleellaawwan saayibarii aggaamaman fashalessuun Kisaaraa Birrii biiliyoona 1.4 baraaruun danda’amuu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo ibse.

Haleellaawwan saayibarii kunneen baayyinaan dhaabbilee maallaqaa fi miidiyaaleerratti qiyyeeffachuu ibsameera.

Haleellaa sayibariin addunyaan guyyaatti Doolaara miiliyoona 16.4 akka dhabdu himameera.

Yakki saayibaraa bara 2015tti addunyaarratti kisaaraa Doolaara tiriiliyoona 3 kan geessise yoo ta’u bara 2021tti ammoo addunyaa Doolaara triiliyoona 6 dhabsiiseera.

Haleellaan saayibarii yeroodhaa gara yerootti saffisa guddaan guddachaa dhufe bara 2025tti kisaaraa Doolaara tiriiliyoona 10.5 qaqqabsiisuu akka danda’u tilmaamameera.

Baatiwwan 9 darbanitti yaaliin haleellaa saayibarii kumni 5 fi 860 Ityoophiyaarratti taasifamuu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsa miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf tibbana taasisaniin ibsaniiru.

Yakki saayibarii Ityoophiyaatti yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu Ittaanaan Daayrektara Olaanaa Bulchiinsa Odeeffannoo Nageenyaa Salamoon Sookaa eeraniiru.

Bara baajataa 2014 baatiiwwan 11 darbanitti yaaliiwwan haleellaa saayibarii kuma 6 ta’an Ityoophiyaarratti taasifamuu ibsuun, yaaliiwwan raawwataman keessaa % 97 fashaleessuun danda’amuu fi kisaaraa qaqqabuuf ture Birrii biiliyoona 1.4 baraaruun danda’amuu himuu TOI gabaaseera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment