Ityoophiyaatti fayyadamtoonni intarneetii miiliyoona 29.83 ga’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti fayyadamtoonni intarneetii miiliyoona 29.83 ga’uu ibsameera.

Uummata Ityoophiyaa keessaa namoonni miiliyoonni 29.83 Intarneetii kan fayyadaman ta’uu qorannoo dhiyootti taasifame waabeffachuun Ministeerri Innoveeshiinii fi Teeknooloojii beeksiseera.

Akkaataa argannoo qorannichaan Uummataa Ityoophiyaa keessa %25 Intarneetii fayyadamaa jiraachuu eerameera.

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi tajaajilamtoota Moobaayilii fi Intarneetii dabalaa dhufu irra kan ka’e lakkoofsi namoota tajaajila daldalaa Onlaayinii fayyadamanis dabalaa jiraachuu  ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment