Ityoophiyaatti dubartiin gabaaduun nagaan deesse

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Dheerina seentii meetira 61’n ‘Dubartii gabaabduu Ityoophiyaa’ jedhamuun Galmee Dinqisiisoo Afriikaarratti kan galmooftee Ashaalee Warquu daa’ima dubaraa nagaan deesse.

Ashaalee Warquu Godina Walaayittaa Sooddoo Hospitaalaa Kiritiyaanitti ganama har’aa sa’aatii 3:00 irratti da’uu Hoji Gaggeessaan Galmee Dinqisiisoo Afrikaa Obbo Ashannaafii Alam FBC’f himaniiru.

Ashaalee Warquu ulfaa baatiiwwan torbaa akka turtee fi hordoffii taasisuun wal’aansaa baqasanii yaaluun akka deesse, Obbo Ashannaafiin ibsaniiru.

Obbo Ashannaafiin dabaluun, Ityoophiyaatti qofaa utuu hintaane sadarkaa addunyaatti haadha dheerina seentii meetiraa 61qabaachuun deessee kan eeruu odeeffannoo akka hinqabne eeraniiru.

Tarii gabaabina kanaan sadarkaa addunyaatti dubartii gabaabduu da’uu dandeesse ta’uu akka dandeessuu tilmaama isaanii ibsaniiru.

Alamaayyoo Garramuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment