Ityoophiyaatti dhaabbileen Biraaziil damee misooma Inarjiirratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsame

Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti dhaabbileen Biraaziil damee misooma Inarjiirratti bobba’uuf fedhii kan qaban ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaddarri Biraaziil Luuwiiz Eediwaardoo ibsan.

Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa fi hoggantoonni olaanoo Ministeerichaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Biraaziil Luuwiiz Eediwaardoo waliin mari’ataniiru.

Marichaan gama inarjiin keessumaa misoomaa filannoo anniisaa soolaarii, bishaan dhugaatii fi teeknooloojiiwwan wal’aansa bishaaniirratti haala waliin hojjechuu danda’anirratti mari’achuu ibsameera.

Dabalataanis dhabamsiisa aramaa bocee irratti muuxannoo gaarii fi teeknooloojii Biraaziil qabdu  haala qooduun danda’amurratti mari’achuu eerameera.

Ministeerichii fi Imbaasichi dhiyeenyatti waliin hojjechuu akka danda’aniif bakka bu’a ramaduun hojjechuuf waliigaluu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment