Ityoophiyaatti dhaabbanni Zayita 4 yaalii oomishaa eegale

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) –Ityoophiyaatti dhaabbanni Zayita 4 yaalii oomishaa eegale.

Ityoophiyaatti dhaabbanni Zayita 4 yaalii oomishaa eegaluu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.

Ministeerichi Ityoophiyaatti rakkinoota dhiyeessii fi rabsaa zayitarratti muldhatu furuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Ministirri Deettaan Daldalaa fi Indaastirii obbo Isheetee Asfaw Faanaa Biroodkaastiingii Korporeetiingiif akka ibsanitti dhaabbilee zayitaa 17 ijaaramaa jiran keessaa 4 dhaabbileen zayitaa Buree, Dabra Maarqoos, Adaamaa fi Dirree Dawaa baatii qabanne kanatti zayita gabaaf dhiyaatan gara oomishuutti ni galu.

Sharafa alaa guddaan kan galu oomishni zayitaa fulduratti guutummaatti dhaabbilee biyya keessaan hojiin bakka buusuu cimee akka itti fufu obbo Isheetee Asfaw ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment