Ityoophiyaatti daawaan Deeksaameetaasan hojiirra akka oolu murtaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Ministeerri Fayya FDRI daawwa dhibee Covid -19 Deeksaameetaasani gabaasa qorannoo Ingiliziitti gaggeeffame gadi fageenyaa ilaaluun tajaajilaaf akka oolu murteessuu beeksise.
 
Yaada gareen gorsaa dhimmoota yaala Fayyaa fi Manni Maree Gorsaa Ogeeyyii yaalaa laatan irratti hundaa’uun dhukkubsattoota Covid-19 haala yaaddessaa keessa Jiraniif akka laatamu murtaa’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaan ibsaniiru.
 

Dhukkubsattoota Covid-19 ”veentileetaraan’ ykn Oksijiniin gargaaramuun harganaa jiraniif ajajaa fi hordoffii ogeeyyii fayyaan akka kennamu murtaa’uu ibsaniiru.

Qajeelfamni fayyadama qoricha kanaa dhiyeenyatti ni ba’aa kan jedhan.

 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment