Finfinnee, Mudde 6, 2015(FBC)- Ityoophiyaatti barattoonni sadarkaa idileen duraa hanga kutaa 12ffaa jiran miiliyoonni 26 ol barachaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Yuunivarsiitii Finfinneetti Inistiitiyuutiin Qorannoo Imaammataa Yuunivarsiitii Kaambiriiji waliin ta’uun jijjiiramoota sirna barnootaa Ityoophiyaa bara faranjootaa 2017-2022 taasifaman irratti qorannoo gaggeessuu ibsameera.
Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Faantaa Maandafroon, qulqullina barnootaa fiduuf jijjiiramoota sirna barnootaarratti taasifamaa jiran waltajjii bu’aa qorannichaa dhiyeessuuf qophaa’erratti argamuun eeraniiru.
Hojii waliin ga’iinsa barnootaarratti hojjetameen yeroo ammaa sadarkaa idileen duraarraa eegalee hanga kutaa 12ffaatti barattoonni miiliyoonni 26fi kumni dhibbi 5 barumsa barachaa jiraachuu kaasaniiru.
Bifuma walfakkaatuun baay’inni barsiisotaa kuma dhibba 7 ol ta’uufi manneen barnootaa kumni 43 tajaajila baruufi barsiisuu kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Qulqullina barnootaa baay’ina lakkoofsa barattootaa, barsiisotaafi manneen barnootaa waliin walgitu fiduuf hojii bal’aa kan gaafatu ta’uu eeruun, hundi gaheesaa akka bahatu waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.