Ityoophiyaatti baatiwwan sadan darban haleellaa Saayibaraa kuma 1 fi 600 fashaleessuun danda’amuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015 (FBC) – Ityoophiyaatti baatiwwan sadan darban yaaliwwan haleellaa Saayibaraa kuma 1 fi 600 ol fashaleessuun danda’amuu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beeksiise.

Yaaliwwan kunneen hedduun isaanii dhaabbilee Faayinaansii fi barnootaarratti kan xiyyeeffatan ta’uu dursaan garee Xinxaala Haleellaa Saayibarii Obbo Abeel Tamasgeen himaniiru.

Dhaabbileen kunneen giddu gala to’annoo mataa isaanii hundeessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Bulchiinsichi dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaaf tajaajila gorsaa laachaa jiraachuu dubbataniiru.

Wayita yaaliwwan haleellaa kunneen muudatan dhaabbileen hundi lakkoofsa bilisaa 933 irratti bilbiluun beeksiisuu akka qaban ibsaniiru.

Addunyaan sababa haleellaa saayibaraan guyyaan giddu galeessaan qabeenya Doolaara biiliyoona 16.4tti tilmaamamu kan dhabdu ta’uu ragaaleen ni mul’isa.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment