Ityoophiyaatti afaanonni 28 miidhaa baduuf saaxilamaniiru

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti afaanonni 28 miidhaa baduuf saaxilamaniiru.

Guyyaa har’aa waltajjiin marii imaammata afaanii Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeeffameera.

Heeraa fi seera mootummaa FDRItin afaanota hundaaf mirgi walqixaa kennameefii, akka misooman kaa’ameera.

Wayita ammaa afaan dhalootaa 50 ol barnootaf faayidaarra oolaa akka jiran ibsameera.

Hata’uutii, Ityoophiyaatti afaanonni hedduun jiraatanillee hawaasa afaan hedduu dubbatu uumuu hin dandeenye jedhameera.

Dhaabbatni Barnoota, Saayinsii fi Aadaa/ UNESCO/ wayita ammaa Ityophiyaatti afaanonni 28 miidhaa baduuf saaxilamaniiru jedheera.

Rakkina kana furuuf yeroo dhiyoo imaammanni afaanii kan ragga’e yoo ta’u, waltajjicharratti qabiyyee fi hojimaata imaammatichaarratti mariin ta’eera.

Qabiyyee fi hojimaata imaammata afaaniirratti Ministeera Aadaa fi Turizimiirraa obbo Awulaachaw Shumnakkaa, Yuunvaarsiitii Finfinneerraa Dooktar Mogas Iyyoobii fi Dooktar Taayyee Abarraa barreeffama qorannoo mariif ta’u dhiyeessaniiru.

Imaammatni afaanii kun keessoo isaatti dhimmoota garagaraa kan qabate yoo ta’u, afaan hojii, itti fayyadama afaan miidiyaa fi industirii bashannanaa, afaanii fi barnootaa, itti fayyadama afaan addabaabayii akkasumas hojiin turjumaanummaa kan hammatedha.

Imaammatichaan wayita ammaa afaan Amaaraa dabalatee afaanonni shan afaan hojii ta’anii akka tajaajilaniif kallattiin kaa’ameera.

Alaazar Taadaleetu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment