Ityoophiyaarra qoqqobbii kaa’uun humnoota farra nageenyaa naannichaa kan cimsudha- Ministira Sudaan Kibbaa

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Ityoophiyaarra qoqqobbii kaa’uun humnoota farra nageenyaa naannichaa kan cimsuu fi nageenya naannichaa kan booressu ta’uu Ministirri Ministeera Paabilik Sarvisii fi Misooma Humna Namaa Sudaan Kibbaa ibsan.

Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiil Mahaadiin Ministira Ministeera Paabilik Sarvisii fi Misooma Humna Namaa Sudaan Kibbaa Baangaasii Jooseef Baakoosooroo waliin dhimmoota yeroo biyyoota lameeniirratti mari’ataniiru.

Baangaasii Jooseef Baakoosooroon murtoo mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadaniif dhiyeessii deeggarsa namoomaa ariifachiisuuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuu dinqisiifataniiru.

Maqaa gaarii Ityoophiyaa balleessuuf olola qaamoleen alaa garaagaraa adeemsisan balaaleffataniiru.

Qoqqobbiin Ityoophiyaarra kaa’amu humnoota farra nageenyaa kan jajjabeessu ta’uurra darbee nageenya naannichaa kan booressu ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsa dandeettii cimsuu mootummaan Ityoophiyaa tajaajiltoota uummataa Sudaan Kibbaaf taasisu dinqisiifataniiru.

Hariiroo damee siiviil sarvisiin jiru cimsuuf waliigaluu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment