Ityoophiyaanota gara Sudaan baqatan deebisuu fi dhaabuuf koreen hundaa’e

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Ityoophiyaanota gara Sudaan baqatan deebisuu fi dhaabuuf koreen hundaa’e.

 

Koreen biyyoolessaa kun hojii kan jalqabe ta’uu Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Aamiroon ibsaniiru.

 

Gareen badii ABUT Onkololeessa 24,2013 raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaarratti miidhaa qaqqabsiisuu isaatin mootummaan seera kabachiisuuf hojjechaa jiraachuun ni beekanma.

 

Jiraattonni Humaraa, Maaykaadraa, Barakat gara Sudaan baqataniiru.

 

Gareen korichaa baqattoota bira kan dhaqe ta’uus ibsan.

 

Lammiileen kanneen tumsitoota misoomaa fi dhaabbilee gargaarsaa idil addunyaarraa deeggarsa akka argatan ni hojjetama.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment