Ityoophiyaanoonni mariif carraa laachuu qabu – Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) – Ityoophiyaanoonni mariif carraa laachuun haaloonni waraanaaf nu saaxilan xumura akka argatan taasiisuu qabu jedhan Itti gaafatamaan Qindeessaa Ijaarsa sirna Diimookiraasii Waajjira Muummee Ministiraa Dooktar Biqilaa Hurrisaan.
Lammiileen Ityoophiyaa Marii biyyaalessaaf carraa ga’aa laachuun dhimmoota walitti bu’iinsaa fi waraanaaf ka’umsa ta’an dhabamsiisuu akka qaban Dooktar Biqilaan ibsaniiru.
Giddu seentummaa alaarraa karaa bilisa ta’een rakkoolee jiran mariin furuuf carraan bal’aan jiraachuu kaasaniiru.
Giddu seentummaa tokko malee mari’achuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Ityoophiyaanoonni rakkoo keessoo keenyaa ofiin furachuuf dandeettii, ga’umsa, qophummaa xinsammuu, aadaa fi duudhaa qabaachuu dubbataniiru.
Dhimmoota garaagarummaa uumaniif yeroo ga’aa laachuun mari’achuun waliigateerra ga’uun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Dhimmoota waldhabdeef ka’umsa ta’an mariif dhiyeessuun giddu seentummaa tokko malee irratti mari’achuun furmaata waaraa laachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Ajandaaleen biyyaalessaa hedduurratti waliigaluun kan danda’amu ta’uu kaasaniiru.
Maddi:-DhPI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment