Ityoophiyaanoonni Hidha Haaromsaaf tumsa taasiisan akka cimsan gaafatame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Ityoophiyaanoonni Hidha Haaromsaaf tumsa taasiisan akka cimsan Abbootiin Amantaalee gaafatan.

Qabeenya waloo lammiilee Ityoophiyaa hundaa kan ta’e Hidha Haaromsaaf tumsi taasiifamu cimee itti fufuu akka qabu abbootiin amantaalee gaafataniiru.

Eegdoonni olaanoon Yaa’ii Dhaabbalilee Amantaalee Ityoophiyaa haala waliigalaa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa daawwataniiru.

Ityoophiyaa fi hojjettoota hidhichaaf kadhannaa taasiisuun eebbisaniiru.

Guutinsi Bishaanii marsaa 3ffaan milkiin xumuramuu fi ijaarsisaa sadarkaa kanarra ga’uu isaaf lammiilee Ityoophiyaan baga gammaddan jedhaniiru.

Misooma, Badhaadhinaa fi fakkeenya tokkummaa kan ta’e ijaarsa Hidha Haaromsaa galmaan ga’uuf tumsuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment