Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaatti bulchiinsa Kaalifoorniyaa jiraatan lammiilee sababa waraanaatin qe’ee fi qabeenyaasaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 10 fi kuma 800 ol taasisaniiru.
Lammilee Ityoophiyaa Kaalifoorniyaa jiraatan bakka bu’uun deeggarsicha kan kennan obbo Miniliik Andaargee, lammileen biyyatti Kaalifoorniyaa jiraataan lammiilee sababa waraanichaatiin qe’ee isaanii irraa buqqa’an dandamachiisuuf deeggarsicha walitti qabu isaanii ibsaniiru.
Deeggarsicha kan irraa fuudhan Komishinarri Itti aanaa Komishinii Hoggaansa Hojii Soda Balaa Fedeeraalaa Nasiibuu Yaasiin gama isaaniitiin, deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Qiddist Tesfaayeetu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com
/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna