Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa 437 Saa’ud Arabiyaarra gara biyyaa deebi’aniiru.
Daa’immaan 84 dabalatee lammiileen 437 gara biyyaa deebi’uun isaanii ibsameera.
Deebitoonni kunneen wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an bakka bu’aa daayreektara Jeneralaa Dhimmoota Qoonsilaa Ministeera Dhimma Alaan Simatamaniiru.
Lammiilee biyyoota garagara keessaatti rakkoo keessaa jira gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Waajjira Dubbii Hima Ministeera Dhimma alaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna