Ityoophiyaanoonni 357 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Ityoophiyaanoonni 357 guyyaa har’aa Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsameera.
 
Lammiileen kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an daayreektara jeneraala dhimmoota Qoossilaa Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Masfin Gabramaariyaam dabalateen hoggantoota mootummaa olaanoon simatamaniiru.
 
Lammiilee guyyaa har’aa gara biyyaa deebi’an keessaa 262 dubartoota yoo ta’an, 95 ammoo daa’immaan ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa aragame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment