Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa 354 Libaanoos magaalaa Beeruutii gara biyyaa deebi’aniiru.
Dhaabbanni Eelmaa jedhamu Fandii Firiidam fi Waajjira Qoonsilaa Jeneeraalaa FDRI waliin ta’uun deeggarsa taasiisaniin lammiileen kunneen gara biyyaa deebi’uu ibsameera.
Bakka bu’aan Daayreektara Jeneraalaa dhimmoota Qoonsilaa Ministeera Dhimma Alaa Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun deebitoota kanneen simachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.