Ityoophiyaanonni Kuweetiin jiraatan haalota deeggarsa biyya isaaniif taasisanirratti mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Kuweetitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Hasan Taajuu Ityoophiyaanota biyyatti jiraataan waliin haalota deeggarsa biyya isaaniif taasisan cimsuun danda’anirratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddarichis fuulduratti hawaasa deeggaruuf kutannoo qaban ibsaniiru.
Ityoophiyaanonni Kuweetiin jiraatan, biyya isaaniif deeggarsa taasisan akka itti fufanii fi mirga isaanii kabachiisuuf Embaasii Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjetan gaafataniiru.
Marichaan boodas Hospitaala Kuweetitti argamuun Ityoophiyaanota wal’aanamaa jiran daawwachuu isaanii Ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment